Uwwifni tumsa Kibbaa fi Kibbaa akka cimu biyyoonni qindoominaan hojjechuun mul’ata waloo milkeessuu qabu jedhame
Finfinnee, Waxabajjii 21, 2015 (FBC) – Uwwifni tumsa Kibbaa fi Kibbaa akka cimu biyyoonni miseensa ta’an qindoominaan hojjechuun mul’ata waloo milkeessuu qabu jedhameera.
Pireezidaantiin Yeroo Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Tumsa Barnootaa fi Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Alaa Obbo Dammaqaa Makoonniin, Uwwifni tumsa Kibbaa fi Kibbaa fi tumsi hunda galeessi dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru.
Hojiirra oolmaa isaaf biyyoonni miseensaa qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Oolmaa Yaa’ii har’aan hundeessitoonni maqaa jaarmiyaa baasuu, Dambiiwwan bulmaataa fi hojimaata isaarratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaa irraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.