Fana: At a Speed of Life!

Uummatni rakkinaafi gadadoo adda addaa keessummeessaa turus qabsaa’ee as gahe – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adoolessa 14, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan gaaffileefi yaada Miseensota Caffeerraa ka’aniif deebiifi ibsa kennaniiru.

Humni Shanee haramaa qabsoo Oromoo keessatti biqile jedhan.

Uummatni Oromoo qabsoo hadhaa’aan waan har’a irra gaherra gahuu ibsan.

Uummatni Oromoo rakkinaafi gadadoo adda addaa keessummeessaa turus qabsaa’ee as gahe,hireen har’aa kunis kennaa miti,bu’aa qabsoosaati jedhan.

Biyya kadhaa qamadiin beekamtu qamadii oomishuun seenaa jijjiiree boquu kan olqabachiise hoggansa Oromoo ta’uu kaasaniiru.

Haata’u malee qabsoo uummatni Oromoon taasisu keessatti haramaan biqileera jedhan.

Shaneen uummata keenya halkan hiikkachiisa humni finxaaleyyii ammoo ganama dhufee ajjeesa, Kuni humna salphinaaf nutti ijaarame kan haadha Oromoo boochisu, saamu, ajjeesuudha.

Kanneen yaada imimmaan haadhaa hubatanii,qabeenya manca’uu hubatanii, naanneffatanii gara nagaatti deebi’aniif mootummaan kabaja qabaaf jedhan.

Ammallee kanneen karaa nagaa galuu barbaadaniif mootummaan qophii ta’uufi kanneen nagaa hin filannerratti ammaa tarkaanfiin cimee irratti ni fudhatama jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.