Uummatni gootni harkasaa mirgaan injifannoo kan qabatu harka isaa bitaan ammoo dhiifama kan taasisudha- MM Abiy Ahimad
Finfinnee, Muddee 29, 2014 (FBC) – Uummatni gootni harkasaa mirgaan injifannoo kan qabatu harka isaa bitaan ammoo dhiifama kan taasisudha jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Imalli kamuu milkaa’inaan xumurame kan jedhamu 1ffaa boqonnaa boqonnaadhaan lammata xumurri imalichaa milkiin xumuramuu yoo danda’edha jedhan.
Adeemsi waliigalaasaa miidhagaa fi mijataa akka ta’uuf tokkoon tokkoo boqonnaa isaa haalaan goolabamuu qaba.
Miidhaginnii fi jabinni manaa bareedinaa fi jabina tokkoon tokkoo xuubii irraa ijaarameen malee jabina qinaaxxii fi miidhagina qalama keenyaa isaan akka hin taane eeraniiru.
Manni miidhaginnii fi jabinni isaa sadarkaa sadarkaan mirkanaa’aa dhufe xumurarratti midhagee fi jabaatee xumuramuu qaba.
Akkas yoo ta’e umuriin manichaa kan dheeratuu fi yeroo keessa jiraatan kan namatti miidhagu jedhaniiru.
Sababni biyya keenya irra deddeebiin qormaatni mudatuuf tokkoon tokkoo boqonnaa isaa haala barbaachisuun xumuramuu ta’uu ergaa isaaniin eeraniiru.
Kanarraa ka’uun injifannoowwan boqonnaa boqonnaatti argaman wayita manca’an mul’atu yookaan ammoo bu’aa eegame osoo hin fidiin hafu jedhan.
Hojiin biyyaalessaa kamuu adeemsaa fi bu’aa isaan madaalamuu akka qabu kaasaniiru. Adeemsi isaas ta’e bu’aan isaa sadarkaa barbaachisu bu’aa barbaachisu fiduu qaba jedhan.
Yeroo jijjiirama biyyaalessaa eegalle irraa kaasnee “ Daandiin Keenya Ida’amuu galmi keenya badhaadhinadha jenneerra. Daandii ida’amuurra imaluun badhaadhina hundagaleessarra ga’uuf ammoo nageenyi, dhiifamnii fi jaalalli duudhaalee ijoo keenya ta’uu ibsineerra jedhan.
Nageenya biyyaalessaa mirkaneessuuf daandii siyaasaa naga qabeessa hordofuu, haaloo keenya kaleessaa dhiifamaan hiikuu, daandii keenya egeree ammoo jaalala uummattootaarratti bu’uuressuun tokkummaa sabdaneessummaa cimsuu qabna jechuu keenya jedhan ergaa isaaniin.
Ka’umsa keenyarra garaagarummaa keenya gurguddoorratti marii biyyaalessaa haa gaggeessinu, garaagarummaan keenya mariin malee meeshaa fi waraanaan hin hiikaman jechaa kan turre qajeeltoo keenya kanarraa ka’uuni jedhan.
Waggoottan sadan darbanitti jaalalarra lolaa fi jibba, nageenya caalaa daandii waraanaa, dhiifamarra haaloo ture faayidaa siyaasaaf warren fayyadamuu barbaadaniin jeequmsi nu mudateera jedhaniiru.
Kanas ta’u rakkoolee kanneen furuuf karaa nagaan filatanii turuu kaasaniiru.
Haa ta’u malee qaamoleen jibbaa fi waraana, walitti bu’iinsaa fi qoqqooddii ala jiraachuu hin dandeenye daandii nagaa hin filanne jedhan.
Harka nagaa hiixanneef ciniinaniiru, nuti haa hafu jennee daandii walakkaa wayita itti siqnu dachaan baqachaa, garaagarteewwan karaa nagaa furamuu osoo danda’anii ganda jeequmsaatti nu fuudhanii galaniiru jedhan.
Biyyi keenya waggaa tokkoo oliif garee Shororkeessaa ABUT fi jalee isaa Shanee waliin waraanatti kan seente harka nageenyaaf diriirsine irra ajjechuun eeboo waan nutti aggaamaniifi jedhan.
Filannoon jalqabaa mootummaa rakkoolee karaa qaroomeen hiikuudha. Karaan naga qabeessi dadhabsiisaa fakkaatus miidhaa namoomaa fi qabeenyarra ga’u sadarkaa olaanaan kan hambisudha jedhan.
Humna namaafi baajata waraanarra ooluu danda’u badhaadhinaaf oolcha. Haa ta’u malee nagenyi fedhii qaama tokkoo qofaan kan argamu miti. Hagamiyyuu yoo obsine, hagam nageenyaaf kaanee yoo buune onneen diinaa hin jabaate malee hin jijjiiramne jedhan.
Daandiin nageenyaa, dhiifamaa fi jaalalaa kamiyyuu sarara diimaa irra hin darbamne qabu.
Furmaanni tokkummaa sabdaneessummaa keenya qoqqoodu, kabajaa fi birmadummaa biyya keenyaa tuquu fi bulchiinsa tokkummaa keenyaa balaaf saaxilu kamuu fudhatamummaa kan hin qabne ta’uu kaasaniiru.
Daandii gantummaa fi qoqqoodiinsaa kan kajeelan hundi irree Ityoophiyaanotaa hin dhaban.
Dhimmoota kanneen ala jiran karaa marii hiikuuf duris onneen keenya banaa ture fuuldurattis harki keenya nageenyaaf hin kottoonfatu jedhan.
Waraanni garee shororkeessaa ABUT fi jalee isaa Shanee waliin taasifame sarara diimaa waan darbaniif ta’uu kaasaniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT tokkummaa sabdaneessaa keenya qoqqooduuf ka’e, kabajaa fi birmadummaa Ityoophiyaa sarbuuf diinota waliin eeboo isaa kaasee ajaja kaabaa waraane, bulchiinsi tokkummaa keenyaa balaaf akka saaxilamuuf balbala bane jedhan.
Diinni keenya dhiyoo fi fagoo akka fedhan harka keenya micciiruuf sababa argatan. Olola sobaa fi duula miidiyaa shiraan deeggarameen Ityoophiyaa burjaajessuun fedhii isaaniif akka jilbeenfatuuf ganamaa fi galgala dhama’uu kaasaniiru.
Madda jabinaa fi saboonummaa keenyaa kan ta’e uummatni keenya garuu haala salphaan akn jilbeenfatu hin turre jedhan.
Tokkummaan ka’uun haleellaa kallattii lamaan irratti ga’umsaan qolachaa jira jedhaniiru.
Uummanni gootni cunqursaaf jilbeenfachuu malee kabajaaf jilbeenfachuu kan hin jibbine ta’uu eeraniiru.
Ummanni keenya waraanni kan namaa injifannoon kan waaqaati jedhee amana jedhan.
Injifannoo amma argame duudhaalee injifannoo Ityoophiyaa sadan Injifannoo eeguun, kabajaa fi dhiifamaan yoo goolabne gaariidha jedhn ergaa isaaniin.
Injifannoo amma arganne akka duubatti hin deebineef damee maraan balbala isaa eeguu qabna, kabaja ityoophiyummaan ammoo waraana nu mudate karaa nagaa akka goolabamu taasisana jedhan.
Karaa tokko irree injifannoo Ityoophiyaa agarsiisaa karaa biraa ammoo onnee kabajaa Ityoophiyaa agarsiisna jedhan.
Irree Ityoophiyaan diinonni keenya awwaara arraabanii akka hin kaaneef ittiin qolannaa jedhan.
Onnee jaalalaa Ityoophiyaan fokkorsuu fi saboonummaa keenyarraa hir’isnee hardhas nageenyaaf balballi keenya banaa ta’uu dubbanna jedhan.
Waraanatti kan seenne nageenya kaaraa kamiinuu fiduu waan hin dandeenyee fi waraanni nageenya fiduuf filannoo isa dhumaa ta’uu ibsaniiru.
Humnoota Waraanaarraa gara nagaa dhufuu hin dandeenye humna xumuraa ittiin gara nageenyaatti ittiin fidnudha jedhan.
Aadaa keenyaanis walitti bu’iinsi xumura kan argatu karaa araaraa fi dhiifamaati jedhan.
Injifattummaan Ityoophiyaa dhiifamas beeka. Waraana Adwaarratti xaaliyaanota booji’aman dhiifama taasisaneerraafi. Kanaanis xaaliyaanonni dinqisiifatanii hiriiraan hanga galateeffachuu ga’aniiru. Kun duudhaa Ityoophiyaa isa guddaadha jedhan.
Har’as Ityoophiyaan kabaja Injifannoorra jirti. Dhiifama haqni biraa hin dhibne waliin gaggeessuun Ityoophiyaan akka injifattu ni taasifna jedhan
Karaa tokko miidhaa fi badii karaa haqaa ilaalaa karaa biraa ammoo dhiifamaaf bakka laachuun daandii dhiifamaa hordofuu qabna jedhan.
.Injifannoo booda wantoota afur qajeeltoo keenya godhannee adeemna jedhan.
1ffaa injifannoon keenya duubatti akka hin deebineef damee maraan ni eegna. 2ffaa injifannoon keenya waaraa akka ta’uuf karaa siyaasaa fi nagaan akka xumuramu taasifna. 3ffaa injifannoo keenya eeguu fi waaraa taasisuu akka dandeenyuuf dhiifama injifattummaan dhiibbaa walitti bu’iinisicha uume ni tasgabbeessina.
4ffaa kan balleesse akka adabamu, kan balleesse beenyaa akka kaffalu kan taasisu haqni hunda haammatuu fi aadaa fi duudhaalee biyya keenyaa guddugala godhatan mirkaneessiina jedhaniiru.
Qajeeltoowwan arfan kunneen tokko kan biraa osoo bakka hin bu’iin hunda keenya injifataa haala taasisuun akkaataa barbaachisummaa isaaniitti hunda isaanii hojiirra ni oolchina jedhaniiru.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.