Uummatatti dhiyaachuun tajaajila kennamaa jiruun qisaasama qabeenyaafi yeroo hambisuun danda’amuu ibsame
Finfinnee, Mudde 30, 2017 (FMC) – Uummatatti dhiyaachuun tajaajila kennamaa jiruun qisaasama qabeenyaafi yeroo hambisuun danda’amuu Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibse.
Naannoo Oromiyaatti sadarkaa gandaatti caasaan haaraa hojiirra oole qisaasama qabeenyaafi yeroo hawaasa irratti qaqqabaa ture hambisuun danda’uu himeera.
Hojii hanga ammaa hojjetameenis waajjiraalee haaraa ijaaruu kan jiran ammoo suphuufi tajaajilaaf qopheessuun caasaan haaraa gahumsaafi aantummaa uummataa qabu ramadamee tajaajila akka kennu taasifamuu eereera.
Bu’uruma kanaan Gandoota Aanaalee Godina Booranaafi Bulchiinsa Magaalaa Aggaarootti iddoon tajaajila hawaasaa hirmaannaa uummataatin ijaaramaa ture xumuramuun tajaajila kennuu eegalaniiru.
Caaseffamni gandaa haaraan kun gaaffii bu’uuraa hiikuudhaan tajaajila si’ataa,qaqqabamaafi haqa qabeessa kennuun hawaasni baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila akka argatu taasisuu jalqabuu himeera.
#Oromia #Ethiopia