Uummata diinagdeen badhaadhe uumuuf gaheen dhaabbilee misoomaa olaanaadha-Dooktar Girmaa Amantee
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC)- Sadarkaa Itti aanaatti Preezdaantiitti Qindeessaan Kilaastara Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Dooktara Girmaa Amantee bu’uura warraaqsa diinagdee Oromoon jalqabe cimsuun uummata diinagdeen badhaadhe uumuuf gaheen dhaabbilee misoomaa olaanaa tahu hubachiisan.
Waltajjiin marii kilaastara seekteraalee Horataalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Bishooftuutti mari’atamaa jira.
Waltajjiicharratti Dooktar Girmaa Amantee dabalatee hooggantoonni fi daayriktaroonni dhaabbilee misoomaa argamaniiru.
Kilaastarri horataalee mootummaa seektara haaraa hundaa’e yoo ta’u, qabeenya muraasa galii tola ooltummaa fi hojiilee misoomaa adda addaarraa argamu karaa qindaa’een walitti fidne sirnaan hojiirra akka ooluuf kan gargaarudha jedhan Dooktar Girmaa Amanteen.
Barbaachisummaan waltajjichaas, hanqinaalee jiran irratti mari’achuun, qindoominaan waliin hojjechuuf kan ittin imala eegalludhas jedhaniiru.
Akka OBN gabaaseetti uummanni diinagdeen akka cimuuf gaheen dhaabbilee misoomaa olaanaadha kan jedhan Dooktar Girmaan, bu’uura warraaqsa diinagdee Oromoon jalqabe cimsuufi jajjabeessuu keessattis itti gaafatamummaa guddaa akka qaban hubachiisan.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.