Uummannii fi mootummaan birmadummaa biyya eeguuf diinoota biyya keessaa fi alaa waliin wal hudhaniiru-Dr Abrahaam Balaay
Finfinnee, Sadaasa 14, 2014(FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Dooktar Abrahaam Balaay Uummannii fi mootummaan birmadummaa biyyaa eeguuf diinoota biyya keessaa fi alaa waliin wal hudhaniiru jechuun ibsaniiru.
Raayyaan Ittisaa, milishaan, Humni addaa fi humni deeggaraa akkasumas deeggartoonni biyya alaa fi keessaa waliin ta’uun deebiin biyya baraaruuf laatan kan nama boonsu ta’uu eeraniiru.
Duula siyaasaa,diinagdee fi dhiibbaa dippiloomaasii miidiyaalee dabalatee taasiifamaa jiru kallattii hundaan qolachuuf mootummaa fi Uummanni seenaa abbootii keenyaa dabaluuf tokkummaan falmaa jiraachuu fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna