Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Oromoo Uummata injifannoo Afrikaanonni  ittiin boonan  galmeessisedha- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Ayyaanni Adwaa ayyaana dhaloota hardhaa fi boruutiif fakkeenya guddaa ta’u ta’uu Ittaanaan Preezdaantii Oromiyaa Obbo Awwalu Abdii ibsan.

Obbo Awwaluun sirna kabaja injifannoo Adwaa 126ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti haasaa taasisaniin ayyaanni Adwaa seenaa addunyaa keessatti uummanni gurraachi warra adii mo’achuu akka danda’u dhagaa bu’uura ayyaana kaa’e ta’uu ibsaniiru.

Ayyaanichi ayyaana uummatoota Ityoophiyaa hundaa ta’uu kaasaniiru.

Ayyaana abdii fi injifannoo Ityoophiyaa ta’uu eeraniiru.

Ayyaanni baranaa adda kan taasisu yeroo itti dhaloonni ammaa ABUT irratti injifannoo agarsiisee fi gama hidha haaromsaan injifannoon argametti kabajamuusaa ta’uu kaasaniiru.

Ityoophiyaanonni garaagarummaa yaadaa, sanyii fi amantiin adda osoo hin qoodamiin dhimma biyyaaf dursa kennuun harka walqabatanii duuluun Ityoophiyaa birmadummaanshee egame dhaloota dhaalchisuu eeraniiru.

Humni weerartuu yeroo sanaa meeshaa waraanaan sabaa fi sablammootaa kan caalu yoo ta’eyyuu onnee guutuu fi tokkummaan injifannoo boonsaa galmeessuu kaasaniiru.

Uummanni Oromoo humna dargaggoo gurmeessee injifannoo uummanni Afrikaa ittiin boonu galmeessisuu eeraniiru.

Uummanni Oromoo birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuu keessatti shora olaanaa ba’achuu ibsaniiru.

Yeroo itti badhaadhina mirkaneessinee hiyyummaa seenaa goonu fagoo miti jedhan.

Dhimmoota duubatti nu harkisan dhiifnee gara fuulduraatti deemuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.