Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Oromoo fi Sidaamaa Uummata Obbolaa muuxannoo waliin jireenyaa bara dheeraa qabanidha- Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan

Finfinnee, Bitootessa 27, 2014 (FBC) – Uummanni Oromoo fi Sidaamaa Uummata Obbolaa muuxannoo waliin jireenyaa bara dheeraa qabanidha jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan Jila Afyaa’ii Mana Maree Naannoo Sidaamaa Aadde Faantaayee Kabbadaan durfamu Waajjira isaaniitti simataniiru.

Jilli Afyaa’ii Mana Maree Naannoo Sidaamaa Aadde Faantaayee Kabbadaan durfamuu fi Dura Taa’otaa fi Ittaantoota Koreewwan Dhaabbii Mana Marichaa of keessaa qabu, Finfinnee Waajjira Caffee Oromiyaatti argamuun, adeemsa seera tumuu, hordoffii fi to’annoo akkasumas hojimaataa fi gurmaa’iinsa jiru irratti muuxannoo qoddateera.

Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan baga qe’ee keessan 2ffaa nagaan dhuftan jechuun simachuun Uummanni Oromoo fi  Sidaamaa Uummata Obbolaa muuxannoo waliin jireenyaa bara dheeraa kan qaban ta’uu fi tokko ta’uu ibsaniiru.

Afyaa’iin Mana Maree Naannoo Sidaamaa Aadde Faantaayee Kabbadaa gamasaaniin, muuxannoo hojii qoddachuu taasifnu caalaatti, walitti dhufeenya uummata Sidaamaa fi Oromoo cimsuun tokkummaa keenya daran cimsinee waliin hojjechuu waan barbaanuuf isin biratti argamne, simannaa nuuf taasifameefis guddaa gamnneerra jechuu ragaan Caffee Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Afyaa’onni Naannolee lameenii kennaa yaadannoo aadaa hawaasa naannolee lamaanii waljijjiiraniiru.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.