Fana: At a Speed of Life!

Uummanni Naannoo Keenyaa Injifannoo aarsaa qaaliin argate dafqa isaatiin itichaa jiraachuu qabatamaan mirkaneessaa jira – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) –Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Uummanni Naannicha Injifannoo aarsaa qaaliin argate dafqa isaatiin itichaa jiraachuu qabatamaan mirkaneessera jedhan.

Guutuun ergaa isaaniin haala armaan gadiin dhiyaatera.

Uummanni Naannoo Keenyaa Injifannoo aarsaa qaaliin argate dafqa isaatiin itichaa jiraachuu qabatamaan mirkaneessaa jira.

Dhaabbii biqilaa Ashaaraa Magariisaa Hagayya 17 guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa ooleen uummanni naannoo keenyaa eegeree dhalootaa har’a ijaaruu akka danda’u gochaan mirkaneesseera.

Icciiitiin milkaa’ina keenyaa hoggansa yaadee karoorsee uummata hojjetee milkeessu qabaachuu keenya qofaadha. Uummanni Naannoo keenyaa Golee Oromiyaa hundatti qorraafi roobaan osoo hin daanga’in tokkummaan Ashaaraa isaa kaa’uun aantummaafi gootummaa qabu gochaan mul’iseera.

Uummata keenya abdannee karoora hiixataa karoorsine. Uummanni keenyas daangaa tokko malee hanga ga’u addunyaatti mul’iseera. Kun guddummaa sirna Gadaa keessa jiru, cichoomina imala keenya milkeessuuf qabnu qabatamaan agarsiisa. Naannoofi Biyya keenya sadarkaa Idil Addunyaatti injifannoo gonfachiisuun seenaa haaraa yaadatamaa dhaloota itti aanuuf darbu dalaguun injifannoo dhiigaan dhufe dafqaan utubuu mul’isa.

Kunis uummata injifataa ta’uu irra deebiin kan mul’iseefi jaalala Oromoon qabeenya uumamaa tiksuuf qabu irra deebiin Addunyaaf kan mirkaneessedha.

Uummanni keenya daangaa hanga daangaatti seenaa haaraa hojjechuun injifannoo tokko irraa gara injifannoo biraatti ce’aa jiru imalli isaa dhugoomee gama hundaan aara galfachiisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoo olaanaan hojjeta.

Biyyi bu’ureessu; dhalootni waaressu injifataa itti fufa. Hojii ajaa’ibaa seenaan bara baraan yaadatuufi Ashaaraa milkii dhaloota borii kaa’uun milkeessuu keessaniif maqaakoofi maqaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiin galata guddaa isiniif galchaa; damee hojii hundarratti injifannoo kana fakkaatu akka galmeessiftan waamichakoon dhiheessa.

Oromiyaa ni ijaarra

Itoophiyaa ni utubna

Gaanfa Afrikaa ni tasgabbeessina

Waaqayyos nugargaara

Shimallis Abdiisaa Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Hagayya 2016

Finfinnee

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.