Fana: At a Speed of Life!

Uummanni fi mootummaa naannichaa Komishinii Marii Biyyaalessaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2014 (FBC) – Ergamni Komishinii Marii Biyyaalessaa hundaa’eef akka milkaa’uuf uummanni fi mootummaa Naannichaa deeggarsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Obbo Shimallis Abdiisaa Koomishinara Komishinii Marii Biyyaalessaa Piroofeessar Masfin Ara’aayaa waliin mari’ataniiru.

Piroofeessar Masfin, adeemsa filatamuu komishinarootaa keessa darbamee himuun, Gurraandhala 16 bara 2014 hojiitti galuun, sadarkaa waajjiraa fi adeemsoota hojii irra jiran ibsaniiru.

Dhaabbilee itti waamamni isaanii Mana Maree Bakka Bu’oota uummataaf ta’an, Paartileen morkattootaas hojiilee komishinichi gaggeessaa jiru daawwachuu ibsaniiru.

Tarsiimoo hojii waggoota 3 baasuun hojiitti seenuuf akka jiran eeruun, bara 2015 hojiilee guguddaan akka eeggatuun ibsaniiru.

Marii biyyaalessaaf boqonnaa qophii duraa xumuru kan ibsan Piroofeessar Masfin, uummatni afaan isaan yaadama marii biyyaalessaa akka hubatan gochuuf akka hojjetanii fi hojilee kanas miidiiyaaleen tumsuu qabu jedhaniiru.

Piroofeessar Masfin labsii hundeeffama komishinichaa kan Afaan Oromootti hiikame Pireezidaanti Shimallisitti kennaniiru.

Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa gama isaaniin, uummanni fi mootummaa naannichaa, Komishinii Marii Biyyaalessaa deeggaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Mariin biyyaalessaa kan uummataati kan jedhan Obbo Shimallis, adeemsoota jiran hunda ifoomsuun, adeemsichaanis kan injifatu Itiyoophiyaadhas dubbataniiru.

Komishiinichi ergama hundaa’eef akka galmaan ga’uuf deeggaruun murtessaadha jechuu isaanii OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.