Fana: At a Speed of Life!

USAID proojektii dubartoota dandeetti dhaga’uu hinqabne 200 ol fayyadamtoota taasisu ifoomse

Finfinnee, Caamsaa 26, 2014 (FBC) – Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa USAID Finfinee fi naannawaa isheetti dubartoota dhaga’uu hindandeenye 200 oliif proojektii carraa hojii uumuu ifoomseera.

Ityoophiyaatti Ergamtuun Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Tirees An Jaakoobsanii fi Ityoophiyaatti Daayirektarri USAID Siin Joonsan proojekticha ifoomsaniiru.

Proojektiin waggoota 3’f turu kun Dhaabbataa Oomisha Korojoo Waraqaa ‘Takkii’ waliin ta’uun deeggarsa Doolaara kuma dhibba 5 fi kuma 50 Ameerikaarraa argamuun, korojoowwan pilaastikaa oomishuun akka raabsaniif dubartoota dhaga’uu hindandeenye 200’f carraa hojii ni uuma jedhameera.

USAID Dhaabbata Oomisha Korojoo Waraqaa ‘Takkii’ waliin ta’uun Ityoophiyaatti qaama miidhamtoota akkataa hammateen, eegumsa naannawaa fi fayyadamummaa isaanii deeggaruuf kutannoo qabu kan argisiisuudha jedhameera.

‘Takkiin’ hanga ammaatti korojoowwan waraqaa miiliyoona 1.9 ol oomishuu ragaan Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.

Dhaabbanni USAID bara Faranjootaa 2021 Ityoophiyaaf doolaara biiliyoona 1.2 deeggarsa taasisuun eerameera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.