USAID fayya haadholii fi daa’immanii fooyyessuuf pirojektii Birrii biiliyoona 2.6 ifoomse
Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa (USAID) fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuuf pirojektii Birrii biiliyoona 2.6 ifoomseera.
Pirojekticha Ityoophiyaatti Daayrektara Ergama Dhaabbatichaa Sikoot Hoklaandi fi Ministir Deetaan Ministeeraa Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan eegalchiisaniiru.
Sagantichis Ityoophiyaa naannolee ja’atti akka hojiirraa ooluu ragaan Ityoophiyaatti Embaasii Ameerikaarraa argame ni mul’isa.
Naannoleen kunneenis Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Giddugaleessa Ityoophiyaa, Kibba Ityoophiyaa fi Ummatoota Kibba Ityoophiyaa ta’uun ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.