Fana: At a Speed of Life!

UNICEF fi OCHA’n adeemsa Ijaarsa Nageenyaa Itiyoophiyaa deeggaruu akk aitti fufu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 12, 2016 (FBC)- Dhaabbanni Gargaarsaa Daa’immaanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) fi Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Mirgoota Namoomaa Dhaabbatichaa (OCHA) adeemsa ijaarsaa nageenyaa Itiyoophiyaa haalaa itti fufiinsa qabuun deeggaruuf fedhii qabaachuu beeksise.

Yaa’ii Waliigala Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Daayrektara Olaanaa UNICEF Kaatiriin Ruuseelii fi Itti Gaafatamaa Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Mirgoota Namoomaa Maartiin Giriifiitsi waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan hoggantoota lameeniif haala yeroo Itiyoophiyaarratti ibsa kennaniiru.

Itiyoophiyaan waliigaltee Piritooriyaa hojiirraa oolchuuf, hojiilee dandamannaa fi deebisanii ijaaruu saffisiisuuf ejjennoo cimaa qabaachuu ibsaniiru.

UNICEF Itiyoophiyaatti damee daa’immanii fi barnootaan deeggarsa taasisaa jiru dinqisiifachuu TOI gabaaseera.

Marichaan Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaatti deeggarsa namoomaa addaan cite itti fufsiisuun faayidaa akka qabu kaasaniiru.

Dhaabbileen lameenis adeemsa ijaarsa nageenyaan Itiyoophiyaa waliin walta’iinsa eegalan itti fufsiisuuf fedhii qabaachuu ibsaniiruu.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.