Fana: At a Speed of Life!

Ummata Tigiraay waraanaaf kan saaxilaa jiru ABUT gochaa shorkeessummaa isaa argisiisa-Ministeera Raayyaa Ittisaa

Finfinnee, Hagayya 26, 2014 (FBC) – Ummata Tigiraayi irra deebiin gara waraanaatti kan galchaa jiru shororkeessaan ABUT ummataaf kan hindhaabbanne gochaa shororkeessumaa isaa kan argisiisuudha jechuun Ministirri Ministeeraa Raayyaa Ittisaa Dooktara Abrahaam Balaay himan.

Dooktara Abrahaam, ibsa isaaniin filmaataa nageenyaa diriire tuffachuun waraana marsaa biraa labsuun amala uumamaa garechaa ta’uu eeraniiru.

Shororkeessaa ABUT uumamarraa eegalee yaadaa fi ajandaa addaa fudhachuu fi dhaga’uu kan hinbarbaannee ta’uu ibsanii, yaadaa addaa kan qabu garee ajjeesaa fi dhabamsiisaa dhufeedha jedhaniiru.

Gareen shororkeesichaa waraana baneen ummannii tigiraay hedduu miidhamuu fi ummatihi nageenyaa dhabuun carraa gaaffii dhiyeessuu dhorkamuu dubbataniiru.

Haaluma kanaan “Ijoolleen keenyaa eessa jiru” jechuun ummataa naannichaa dabalatee waraanaa darbeen miidhaa qaqqabe waan gaafataniif umriin gabaabsa jechuun sodaa keessa ta’ee yakka raawwachaa jiru ta’uu ibsaniiru.

Ummanni Tigiraay waraanni mancaasaa ta’uu seenaa darberraa barachuun ummata nageenya barbaadu waan ta’eef, fedhii dhokataa fi olola sobaan gareen ABUT ummata dhumaatii biraaf saaxilaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.