Fana: At a Speed of Life!

Ummata Ityoophiyaatif qormaata darbuun kan jalqabaatii miti- aadde Adaanach

Finfinnee, Eebila 29, 2012 (FBC) – Ummanni Ityoophiyaa yeroo qormaataa darbuun isa jalqabaa miti; yoo waltumsine yeroo qormataa kana ni ceena jedhan haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanach Abeebee.

Haati Alangaa Waliigalaa FDRI aadde Adaanachi Abeebee, guyyaa har’aa weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dhaabbata dhuunfa Kiiroopseev jedhamurraa meeshaa biifaa farraa keemikaalaa harkaa fuudhuun daayreektara olaanaa Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Ebbaa Abaataaf dabarsaniiru.

Yeroo kanas aadde Adaanach, guyyaa itti vaayrasiin koroonaa Ityoophiyaatti muul’atee kaasuun rakkoo kana darbuuf mootumman waamicha deeggaarsaa erga taasisee booda deeggarsii meeshaalee garaagaraa miiliyoonatti lakka’aamu taasifamaa jiraachuu himaniiru.

Abbaan qabeenyaa dhaabbatichaa guyyaa har’aa deeggarsa meeshaa biifaa farra keemikaalaa taasisaniif galateeffataniiru.

Yeroo itti aanuf weerarichi qormaata ta’uusaarran kan ka’e kana caalaa walgargaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.

Abbaan qabeenyichaa obbo Aandu’aalam Ingidaan, dhaabbatichi erga vaayrasichi muul’atee eegalee meeshaalee qulqullinaa garagaaraa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Guyyaa har’aas waliigalaa deeggarsa Birrii kuma dhibba 6 fi kuma 50 taasisuu dubbataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.