Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Tigraay sababa ABUTn rakkoo hamaa keessa jira – Hidhattoota Garee ABUT

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Ummanni Tigraay sababa garee shororkeessaa ABUTtiin rakkoo hamaa keessa jiraachuu hidhattoonni garichaa ibsan.
Hidhattoonni garichaa Adda waranaa Maayixabiriin hiriiran hedduun humna waloon to’anna jala oolaniiru.
ABUT ummanni Tigraay marfameera, salphateera,weerarameera hundi gara waraanaatti ba’uu qaba jechuun maatii hunda keessaa dirqiin nama tokko tokko fudhachaa jiraachuu hidhattoonni kunneen ibsaniiru.
Yeroo ammaa baratoonni kutaa 6 ol ta’an hundi gara adda waraana akka deeman taasisuun egeree naannichaa maseensaa jiraachuu dubbataniiru.
Hidhattoota ABUT karaa adda waraanaa Maayixaabiriin hiriiranirra kisaaraa olaanaan ga’aa jiraachuu himameera.
Minyichil Azzazaatu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.