Fana: At a Speed of Life!

Ummanni kaleessa aarsaan jijjirama fide, har’a tajaajila mootummaa maallaqaan bitachuu hin qabu – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Adoolessa 19, 2014 (FBC) – Abbaan Taayitaa Konistraakshinii Oromiyaa rakkoo gama kenna tajaajilaatin jiru hiikuun ummataaf tajaajila qulqullina qabu gahumsaafi karaa bu’a qabeessa ta’een kennaa jiraachuu beeksiseera.
Jilli Itti aanaa Pireezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Sirna kenna tajaajilaa Abbaa Taayitichaa daawwateera.
Obbo Awwaluun ummanni kaleessa jijjiirama fiduuf aarsaa kaffalaa ture har’a tajaajila bitachuuf sangaa gurgurachuu hin qabu jedhan.
Obbo Awwaluun nageenya waaraa mirkaneessuu, rakkoo bu’uuraalee misoomaa hiikuu fi kenna tajaajilaa haqa qabeessa ummanni akka argatuuf kaayyeffatamee hojjatamaa jiraachuu ibsan.
Abban Taayitaa Konistiraakshiinii Oromiyaa dandeettii raawwachiisummaa dabaluun piroojektoonni jalqabaman qulqulinaa fi yeroo jedhametti akka xumuramu taasisuu keessatti gahee guddaa bahachuu isaanii Obbo Awwaluun ibsaniiru.
Hojiin fakkeenyummaa qabu Abbaa Taayitichaa hojjatamaa jiru cimee itti fufuu akka qabuu fi hanqinaaleen gama dizaayinaatiin muul’atu maksuuf caalmatti hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.
Daayirekteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konistiraakshiinii Oromiyaa Injiinar Abarraa Baayyanaan gama isaaniin, kenna tajaajilaa fooyyessuuf kutannoon hojjechaa jiraachuu dubbachuun abbaan dhimmaa kabajaan tajaajila barbaadu akka argatuuf haalli mijataan uumamuu himaniiru.
Hojjattoota kenna tajaajilaa irratti rakkoo uuman 40 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsuu isaanii ragaan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.