Fana: At a Speed of Life!

Ummanni Itiyoophiyaa tokkummaa isaanitti caalmaatti cichoomuu qabu – Obbo Aganyahu Tashaagar

Finfinnee, Sadaasa 28, 2017 (FMC) –Ummanni Itiyoophiyaa wantoota tokkummaa isaanii caalmatti cimsanirratti cichoomuu akkan qaban Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar ibsan.

Gara fuula duraatti wantoota ummata biyyatti caalmatti tokkummeessanirratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan.

Rakkoo nageenyaa jiru furuuf hawaasni gahee irra eegamu bahuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Af Yaa’ii Mana Maree naannoo Kibbaa Itiyoophiyaa Aadde Tsahaay Waarasaan gama isaaniin, Ayyaannichi agarsiiftuu tokkummaa ta’uu kaasaniiru.

Waayita ummanni Kibba Itiyoophiyaa naannoo ta’ee hundaatti ayyaana kana kabajuun ammoo adda isa taasisa jedhan.

Naannicha keessa,sabaafi sablammoonni 32 kan jiraatan ta’uu eeruun, guyyaa kanas yeroo kabajnu tokummaa keenya diina keassaaf alaatti agarsiisuufi jedhan.

Gammachuu Beekumaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.