Fana: At a Speed of Life!

Ummanni gochoota Vayrasii Koroonaaf nama saaxilanirraa of akka qusatan waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Bitootessa 13, 2012 (FBC) –Ummanni naannoo Tigiraay gochoota Vayrasii Koroonaaf nama saaxilanirraa of qusachuun weeraricha akka ittisan Hoogganaan Wajjira Paartii Badhaadhinaa Tigiraay obbo Nabiyyuu Sihuul waamicha dhiyeessan.

Obbo Nabiyyuun turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin hawaasni harka wal fuudhurraa of qusachuu, harka ofii yeroo yeroon dhiqachuu fi tutuqaa dhiisuun weerara Vaayrasii Koroonaa akka ittisan dhaamaniiru.

Hawaasni gocha akka kanaa qixaan hojiirra oolchuun maatii, hawaasaa fi biyyarra soda vaayrasicha balleessuuf ga’ee isaanii akka ba’an hubachiisaniiru.

Hoogganaan Wajjira Paartii Badhaadhinaa Tigiraay obbo Nabiyyuu Sihuul  hawaasni yaadootaa fi qajeelfamoota dhaabbataa qixaan hojiirra akka oolchu dhaamaniiru.

Hoggantoonni fi miseensoonni Paartii Badhaadhinaa Naannoo Tigraay miinda isaniirra hir’isuun jiraattoota meeshaalee qulqullinaa bitachuu hin dandeenyeef bitanii akka dhiyeessaniif obbo Nabiyyuun ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.