Fana: At a Speed of Life!

Ummanni akka hin miidhamneetti garee finxaaleeyyii ABUT irratti of eeggannoon tarkaanfiin fudhatamaa jira – Jeneraal Birihaanu Juulaa

Finfinnee, Onkokoleessa 26,2013 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ummanni akka hin miidhamneetti garee finxaaleeyyii ABUT irratti of eeggannoon tarkaanfii fudhachaa jiraachuu Jeneraal Birihaanuu Juulaan beeksisan.
 
Itti aanaa Itaa Maajoor Shuumii fi itti gaafatamaan damee Opporeeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI jeneraal Birihaanuu Juulaan ibsa laataniin, Kibxata halkan sa’aatii 4:00 irratti gareen finxaaleeyyii ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii kaabaa naannoo Tigraayitti argamurratti haleellaa raawwatachuu ibsaniiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa haleellaan akka kanaa ni raawwata jedhee shakkee kan hin beenne ta’uu jeneraalichi ibsaniiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa ergama heera mootummaan laatameef wayita ba’aa jirutti haleellaan hin yaadamne garee finxaaleeyyii kanaan irratti raawwatamuu himaniiru.
 
Ummanni naannoo Tigraay haleellaa kana hin fudhadhu jechuun Raayyaa Ittisa Biyyaa fi mootummaa cinaa dhaabbachuu Jeneraal Birihaanuu Juulaan dubbataniiru.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaa haleellaan irratti raawwatame deeggaruuf humni dabalataa gara sana socho’uu ibsuun, waraanaa akka gaggeessuuf humni ergama fudhate waraanaa eegaluu dubbataniiru.
 
Raayyaa qonnaan bulaa waliin ta’uun oomisha sassaabaa turee fi hoomaa awwaannisaa ittisuuf deeggara taasissaa ture irratti badii akka kanaa raawwachuun ABUT ummataaf dantaa kan hin qabaanne ta’uu agarsiisa jedhan.
 
Namoonni gama hundaan miidhaman yaallamaa jiraachuu eeraniiru.
 
Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ummanni akka hin miidhamneetti garee finxaaleeyyii ABUT irratti of eeggannoon tarkaanfii fudhachaa jiraachuu eeraniiru.
 
‘Raayyaan Ittisa Biyyaa eessayyuu hin dhaqu waraanichi asumatti xumurama jedhan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
 
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.