Fana: At a Speed of Life!

Ulaawwan seensa Finfinneetti giddugaloonni gabaa meeggaan ijaaramaa jiru-Aadde Adaanach Abeebe

Finfinnee, Mudde 13, 2015(FBC)-Ulaawwan seensa Magaalaa Finfinnee afuranitti giddugaloonni gabaa meeggaa raabsa oomishaalee qonnaa hunda galeessi ijaaraamaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ibsan.

Giddugaloonni kunneen Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti lama, Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyootti tokko, Kutaa Magaalaa Nifaas Silk Laaftootti tokko ijaaramaa jiraachuu eeraniiru.

Giddugaloonni gabaa kunneen oomishaalee qonnaa olaanaa qabachuun, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabbeessuuf gahee akka qaban tooraa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Kana malees kutaalee hawaasa garaagaraaf carraa hojii akka uumuu eeraniiru.

Ijaarsi giddugaloota kanneenis yeroo fi baasii qabameen akka xumuramuu hordoffii fi deeggarsi taasifamuu eegale cimee kan itti fufuudha jedhaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.