Fana: At a Speed of Life!

Uffannaa adda bahiinsaa Meesiin uffatu Lakkoofsa 10 taphataan biraa kan hin uffanne ta’uu Arjentiinaan beeksifte

Finfinnee, Mudde 22, 2016 (FBC) – Uffannaa adda bahiinsa taphattootaa Liyooneel Meesiin uffatu Lakkoofsa 10 taphataan biraa kan hin uffanne ta’uu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Arjentiinaa beeksiise.

Lakkoofsi 10 bara baraan kabajamee kan jiraatu ta’uu Pireezidaantiin Federeeshinichaa Kilaawudiyoo Taappiyyaan ibsaniiru.

Wanti xiqqaan isaaf gochuu dandeenyu isa kana jechuun dubbataniiru.

Meesiin waancaa addunyaa Kuwaatar yeroo 3ffaaf Arjentiinaan injifatte irratti goolii 7 galchuun milkaa’ina garee kanaaf gumaacha olaanaa taasisuun ni yaadatama.

Biyyattiin Waancaa Addunyaa akka injifattu qooda isaa ba’uura darbee taphoota 108 Arjentiinaaf taphachuun galchiiwwan 106 lakkoofsiisuun taphataa cimaa yeroo hundaa ta’uu danda’eera.

Yeroo ammaa Ameerikaa Meejar Liigii Sookar keessa taphachaa kan jiru Liyooneel Meessiin Waancaa Addunyaa 2026 garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Arjentiinaa waliin taphachuu akka danda’u ‘Isport Mole’ gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.