Fana: At a Speed of Life!

UAE’n hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu guddisuuf kutannoo qabaachu mirkaneessite

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC)- Pireezidaantiin Emereetotaa Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zayid Al Nahiyaan biyyi isaanii hariiroo gamlamee Ityoophiyaa waliin qabdu guddisuuf kutannoo qabaachuu irra deebiin mirkaneessan.

Emereetotaa Araba Gamtoomaniitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Umar Huseen xalayaa muudama isaanii Pireezidaantichaaf dhiyeessniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zayid Al Nahiyaan muudama Ambaasaddar Umar ilaalchisuun ergaa baga gammadaanii dabarsuun simataniiru.

Dabalataan Pireezidaantiin Ityoophiyaa Saahilawarqi Zawudee fi ummanni Ityoophiyaa hawwii gaarii dhiyeessaniif galateeffataniiru.

Hariiroo Emereetotaa Araba Gamtoomanii fi Ityoophiyaa gidduu jiru dagaagsuuf ciminaan hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Dabalataan, biyyi isaanii Ityoophiyaatti dameewwan xiyyeeffannaan hinhojjetamne irratti bobba’uun hariiroo gamlameeni guddisuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan, Ityoophiyaatti, dameewwan diinagdee, indastirii, qonnaa fi tuuriizimiirratti xiyyeeffachuun akka hojjetan ibsaniiru.

Biyyattiin Ambaasaaddar Umar Huseeniif deeggarsa barbaachisaa taasisuuf Sheek Mahaammad Biin Zayid Al Nahiyaan waadaa galuu ragaan Embaasichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.