Fana: At a Speed of Life!

Twutariin baatii sadii keessaatti Doolaara Ameerikaa biiliyoonaa 1 walitti qabe

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC)- Twutariin bara Faranjoota 2019 kurmaanaa 4ffaatti Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 walitti qabu beeksise.

Kunis kurmaana jalqabaatti yeroo jalqabaaf galii guddaa walitti qabuusaa himameera.

Dhaabbatichi galicha walitti qabu kan danda’ee beeksisoota siyaasaan walqabatan ugguruun yoo ta’u ibsameera.

Twutariin maamiltoota heedduu kan hawwate yoo ta’u, kurmaan 4ffaa keessaa guyyaadhan fayyadamtoonni fi mamiiltoonni beeksisa hordofaan miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 52 ga’aaniiru jedhame.

Itti gafatamaan faayinaansii dhaabbaticha Needii Seegaal, kurmaanichi cimina waliigala waggichaa ta’uu yoo ibsan, kenni tajaajila foyya’uun maammiltoonni akka dabalan ta’eera jedhe.

Hojii rawwachiisaan Twutarii Jaak Dorseey gama isaaniin fayyadamtoota haaraa ta’anirratti kenna tajaajilarratti dhaabbatichi hojjechuusa ibsaniiru.

Maddi:-Cnet. Com

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.