Fana: At a Speed of Life!

Tuutni Gadaa Michillee Oromoo Karraayyuu sirna buttaa Qalaa walakkaa Aangoo dabarsanii kennuuf Godaansa eegalan

Finfinnee, Sadaasa 28, 2017 (FMC) –Godina Shawaa Bahaa Aanaa Fantaalleetti Tuutni Gadaa Michillee Oromoo Karrayyuu sirna Buttaa Qalaa walakkaa Aangoo dabarsanii kennuuf Ardaa jilaa Tarree luugootti Goodansa egaalaniiru.

Hawaasni Oromoo Karrayyuu sirna walharkaa fuudhiinsa aangoo kan calqabu waggaa saddeet eegee osoo hintaane waggaa 6ffaa irratti; tuuta aangoo fudhatuuf, sirna Goobaa/Walakkaa Aangoo isaa kennuun,waggootii lamaaf leenjiiwwan adda addaa bulchiinsa sirna Gadaarratti barbaachisan akka godhaniif ofkaltii kennaaf, dhuma waggaa 8ffaatti aangoo isaa guutummaatti dabarsee kenna.

Sirni kun Sirna Goobaa/ sirna buttaa qalaa Walakkaa aangoo jedhamuun beekama.

Sirni kun kan gaggeeffamu tuutni Gadaa tokko, aangoo Sirna Gadaa fudhatee erga harkaan gahatee booda, waggaa 6ffaa isaatti sirna Kabajamuudha.

Tuutni Gadaa Michillee guyyaa har’aa bakka duraan qubatee jiru irraa gara Jinfuu/Ardaa Jilaa “Tarree Luugootti” namaafi saawwaan Godansiifata jira.
Lalisee Tasfaayee fi Kominikeeshinii aanichaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.