Fana: At a Speed of Life!

Tuurk loltoota Liibiyaaf deeggarsa taasisuufi

Finfinnee,Muddee 6, 2012 (FBC) – Tuurk loltoota Liibiyaa Dhaabbanni Mootummoota Gamtooman deeggaruuf tumsa taasisuufi.

Ankaaraa fi Triippooliin waliigaltee deeggarsa raayyaa ittisaa ega walii mallatteessaniin booda Tuurk deeggarsichaaf qophii ta’uu beeksisteetti.

Preezdaantiin Tuurk; Reesiip Xayib Erdoohaan Medetiraaniyaanii bahaatti fedhii fi faayidaa Liibiyaa fi Tuurk kabachiisuuf ni hojjenna jedhaniiru.

Erdoohaan gareen Jeneraal Kaliif Haaftaarin duurfamu seera qabeessaa mitis jedhaniiru.

Erdoohaan Istaambuulitti muummee ministiraa Liibiyaa Dhaabbata Moottummota Gamtoomaniin deeggaramu Faayaz al-Saaraaj waliin mari’ataniiru.

Deeggarsichi mana maree Tuurkin yoo ragga’e hojiirra kan oolu.

Tibba darbe Kaaliif Haaftaar, looltonni isaa Triippoolii akka to’atan ajajuunisaanii ni yaadatama.

Maddi:-Rooytars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.