Fana: At a Speed of Life!

Turtiin MM Dooktar Abiy Jarmanitti taasiisan milkaa’aa ture – Billanee Siyyuum

Finfinnee, Sadaasa 11, 2016 (FBC) – Turtiin Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Jarmanitti taasiisan milkaa’aa turuu Itti Gaafatamtuun Seekreetaariyaal Pireesii Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyuum ibsaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Chaansilara Jarman Olaaf Shooliiz waliin dhimmoota waloorratti marii bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Dhimmoota waloo fi naannawaarratti tumsaan hojjechuurratti xiyyeeffachuun marii taasisuu eeraniiru.

Dhimmoota Anniisaa Haaromuu, Barnootaa, naannawaa fi kanneen biroorratti tumsaan hojjechuuf waliigalamuu himaniiru.

Dooktar Abiy hojiilee misoomaa hojjetamaa jiruu fi haala qabatamaa biyyattii ilaalchisee Yaa’ii ‘Compact with Africa’ irratti ibsa taasisuu dubbataniiru.

Akkasumas yaa’ichaan cinaatti hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin dhimmoota waloorratti mari’achuu kaasaniiru.

Waliigala turtiin jilichi Jarmanitti taasise bu’aa qabeessa turuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.