Fana: At a Speed of Life!

Turtii baatii 3 hin guunne keessatti dubartootaa fi daa’imman 280 miidhaan qaqqabe

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti turtii Baatii 3 hin guunne keessatti dubartootaa fi daa’imman 280 miidhaan ga’uu qorannoon ifoomse.
 
Ministeerri Dhimma Daa’imman, Dargaggoota fi Dubartoota miidhaa dubartootaa fi daa’imman irraa ga’u ittisuu fi miidha ga’eef haala deebii laachuun danda’amurratti qooda fudhattoota,Waldaalee Siiviilii fi Federeeshinoota waliin marii taasiseera.
 
Marii kana irratti qorannoon miidhaa Baatii Bitooteessaa – Caamsaa 20, 2012tti jiru ibsu dhiyaateera.
Qorannichis waltaa’iinsa Ministeera Dhimma Dubartoota Daa’immanii fi Dargaggootaa, Abbaa Alangaa Waliigalaa fi Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii, fi Dargaggootaa magaalaa Finfinneen kan qo’atameedha.
 
Akka qorannichaatti yeroo baatii sadii hin guunne keessatti miidhaan koorniyaa 273 dubartootarra, 7 ammoo dhiirarra ga’uu ibsameera.
Miidhaa qaqqabe keessaa 215 bulchiinsa magaalaa Finfinneetti yoo ta’u, kan hafan naannoole biyyattii keessatti ta’uu himameera.
 
Miidhaan akkaa Dirqiin gudeedu, umrii malee heerumsiisuu fi gaa’eela koorniyaa walfakkaatu bal’iina ga’uu qoranichi eereera.
 
Maddi :-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.