Fana: At a Speed of Life!

Turki Kibbaa fi Sooriyaa kaabaatti lakkoofsi namoota balaa kirkiraa lafaan du’anii kuma 21 caale

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC)- balaa kirkira lafaa Turki Kibbaa fi Sooriyaa Kaabaatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii kuma 21 caaluun gabaafame.

Lubbuu baraartonni miidhamtoota lubbuu baraaruuf tattaaffachaa jiraatanis ,balichi erga umaame guyyoota 4 waan ta’eef carraan namoota lubbuun argamanii gadi aanaa ta’uun ibsameera.

Sababa balichaan namonni kumaatamaan lakkaa’aman qe’ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa’uun badheerra jiraachuu gabaafameera.

Pireezidaantiin biyyattii Reesip Xaayib Erdoohaan kirkirri lafaa uumame kun balaa cimaa jaarraa kanaa biyyattii mudate ta’uu ibsaniiru.

Biyyoonnii fi dhaabbileen garaagaraa balichaaf deebii hatattamaa kennaa kan jiran yoo ta’uu , biyyattii dandaamchisuuf deeggarsaa Doolaraa biiliyoona 1.78 kennuuf waadaan galaniiru jedhame.

Bu’uuruma kanaan Ameerikaan Doolaara miiliyoona 85 kennuuf waadaa galuu BBCn gabaaseera.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti gareen dhiyeessii deeggarsaa Namoomaa daangaa Sooriyaa cehuun, deeggarsa dhiyeessuuf yaaliin taasisan sababa waraana waliin waliiniin gufachaa jiraachuu eerameera.

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutaareez deeggarsi dabalata dhiyaachaa jiraachuu ibsaniiru.

Manni Maree Nageenyaa dhaabbatichaa dhiyeessiin deeggarsaa akka saffisuu fi daangaan ce’umsaa Sooriyaa dabalataan akka banamu gaafataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.