Fana: At a Speed of Life!

Turki Kibbaa fi Sooriyaa kaabaatti lakkoofsi namoota balaa kirkiraa lafaan du’anii kuma 17 darbe

Finfinnee, Guraandhala 2, 2015 (FBC)- Wiixata darbe balaa kirkira lafaa Turki Kibbaa fi Sooriyaa Kaabaatti mudateen  lakkoofsi namoota du’anii kuma 17 darbuun gabaafame.

Balicharraa namoonni lubbuun baraaraman jiraatanillee, buufanni qubannaa manca’uun “tajaajilli bishaan, boba’aa fi  humni elektirikii addaan cituun lubbuun biraa dhabamuu danda’a” jechuun Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa yaaddoo isaa ibseera.

Ammas balaa hammaatan kan isa darbee caaluu fuulduratti mudachuu malas jedheera.

Konkolaattonni Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomanii deeggarsa fe’an  jalqabaa gara Sooriyaatti imalaa jiraachuu BBC’n gabaaseera.

Hojjettoonni lubbuu baraarsaas miidhamtoota balichaa lubbuu baraaruuf tattaaffii ijibbaachisaa taasisaa jiraachuun eerameera.

Namoonni hedduun jijjiga gamoowwanii jalaa sa’aatiiwwan hedduuf lubbuun kan turan yoo ta’u fuulduratti haalli lubbuun turuu isaanii abdii kutachiisaa ta’uun ibsameera.

#Turkii #Sooriyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.