Fana: At a Speed of Life!

Turki Iraaqitti duula waraanaa eegaluu gabaafame

Finfinnee, Eebila 10, 2014 (FBC)- Turki Iraaqitti duula waraanaa eegaluu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyattii beeksise.

Ministeerichi ibsa guyyaa har’aa baaseen duula waraanaa daangaa ce’aa hidhattoota Kurdistaan Kaabaa Iraaq keessa socho’an irratti xiyyeeffate eegaluu ibseera.

Oppireeshinii kanaan Jeettiiwwan, helekooptarootaa fi drooniiwwan/xiyyaarota nam-maleeyyii fayyadamuun haleellaan qilleensarraa kan taasifamu ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa biyyattii Huuluusii Akaar eeraniiru.

Loltoonni Koomaandoon waraana lafarraa kan taasisan ta’uus kaasaniiru.

Oppireeshinii hanga ammaatti taasifameen manneen hojii, dawoo fi manneen Kuusaa meeshaa waraanaa Kurdistaan daangaa kaaba Iraaq irratti argaman haala milkaa’aa ta’een barbadeessuun danda’amuu ministirichi ibsaniiru.

Duula waraanaa gaggeeffamaa jiruun miidhaan lammiilee nagaa fi hambaaleerra akka hin qaqqabneef loltoonni Turki of eeggannoo barbaachisaa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Hidhattoonni Kurdistaan bara faranjootaa 1984 irraa eegalee Ankaaraa waliin wal falmaa kan jiran yoo ta’u, waraana hanga ammaatti gaggeeffameen gam-lachuun loltoonni kumni 40 ol ajjeefamuu RT News gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.