Fana: At a Speed of Life!

Tumsi damee fayyaa Chaayinaa fi Ityoophiyaa cimeet itti fufa -Dooktar Liyaa

Finfinnee, Fulbaana 21, 2013 (FBC) – Tumsi damee fayyaa Chaayinaa fi Ityoophiyaa cimeet itti fufa jedhan ministirri Ministeera Fayyaa FDRI Dooktar Liyaa Taaddasaan.
Dooktar Liyaan Chaayinaan deeggarsa damee fayyaatin Ityoophiyaaf taasistu dinqisiifataniiru.
Zhiinuwaa waliin turmaata kan taasisan Dooktar Liyaan, Chaayinaa fi Ityoophiyaan hariiroo fi tumsa fayyaa cimaa qabaachuu eeraniiru.
Haaluma kanaan mootummaan Chaayinaa hojiilee fayyaa haawwanii, ittisaa fi wallaansa daranyoo sombaa fi HIV/AIDS irratti tumsa taasisaa turuu ibsaniiru.
Hariiroon gama kanaa dansaa ta’uu isaatin ijaarsi Hoospitaala Xiruunash Beejiing Doolaara Ameerikaa miiliyoona 12.12 hojjetamuu ibsaniiru.
Chaayinaan beekumsa damichaa Ityoophiyaaf qooduuf ogeeyyiin fayyaatis tumsa akka taasisan gochaa jiraachuu ibsan.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.