Fana: At a Speed of Life!

Traamp tamsa’ina  vaayrasii koroonaa ittisuuf labsii yeroo hatattamaa labsan  

Finfinnee, Bitootessa 5, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp tamsa’inaa vaayraasii koroonaa ittisuuf  labsii yeroo hatattamaa labsaniiru.

Kanaafis qoqqobbii imalaa biyyoota Awrooppaa 26 irra gara Ameerikaatti taasifamu ka’aniiru.

Traamp dhiibbaa vaayrsasichi fidaa jiru hambisuuf labsichi barbaachisuu himaniiru.

Dhoorkichi lammiileen biyyoota Awrooppaa gara Ameerikaa akka hin gallee taasisuuf kan kaayyefatee yoo ta’u, lammiilee Ameerikaa Awrooppaa jiran hin ilaallatu jedhaniiru.

Kanarra darbees dhoorkichi Ingiliiz hin ilaallatu jedhaniiru.

Ameerikaatti naamoonni kumni 2 ta’an vaayrasichaaf saaxilamaniiru.

43 ammoo du’aniiru.

Weerarri vaayrasichaa biyyoota hedduu wal ga’aa waan jiruuf, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Awrooppaan giddugala vaayrasichaa ta’aa dhufuu ibsaniiru.

Maddi:-BBC    

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.