Fana: At a Speed of Life!

Traamp poolisii biyyattii haaromsuuf murtoo Preezdaantummaa dabarsan

Finfinnee, Waxabajjii 10, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp haaromsa poolisii biyyattii gaggeessuuf murtoo gargaaru mallatteessan.
 
Murtoon kun baajata Poolsii guddisuu fi hojmaata ammayyeessuuf kan kaayyeffame ta’uu ibsameera.
 
Dabalataan gochaa shakkamtootarratt fudhamu to’achuu fi hordofuuf hojmaata garaaru kan of keessatte hammate ta’uu himaameera.
 
Preezdaanti Traamp yaada baajata Poolisirratti dhiyeete kuffisaniiru jedhame.
 
Murtoon Preezdaantummaa kun sababa ajjeechaa Joorji Flooydiin rakkoo siyyaasaa Waashingtan irra ga’e baraaruufii jedhame.
 
Haala murtoo kanaan poolisoonni shakkamtootarratti tarkaanfii humnaa fudhachuu hindanda’an.
 
Namoonni siyyaasaa tokko tokko garuu murtoon Traamp kun murtee yeroo, kan fagoo hin adeemsifne jechuun qeeqaniiru.
 
Akkasumas yakka sanyummaa Poolisoonni Ameerikaa gurraachorratti raawwatan furuuf humna hin qabu jedhame.
 
Ameerikaatti poolisooni lammiilee bifaan gurraacha ta’an irrarrti tarkaanfii humnaa olii fudhatu.
 
Ajjeecha Joorjii Flooyidiin walqabatee mormiin torbee sadiif itti fufeera.
 
Sababa kanaan seera baastoonni biyyatti poolisoonni tarkaanfii madaallawaa hin taane akka hin fudhanne qajeelfama qopheessaa turaniiru.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.