Fana: At a Speed of Life!

Traamp manni murtii biyyattii sagantaa Oobaamaa Keer akka adda kutu gaafatan

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Manni Murtii Waliigalaa biyyattii sagantaa inshuuraansii fayyaa namoota hedduuf tajaajilu laatu, Oobaamaa Keera akka adda kutu gaafatan.

Tajaajjilli Oobaamaa Keer Iniisheetiiv, sagantaa mootummaa baasii olaanaa baasisu jechuun manni murtii akka adda kutu gaafataniiru.

Preezdaant Traamp, bakka sagantichaa tajaajila inshuuraansii fayyaa haaraa qopheessuuf karoorfachuu dubbataniiru.

Morkataan Traamp, Joo Baaydan ammoo yaada isaanii kana balaalleefataniiru.

Joo Baaydan, karoorri Traamp kun karoora jireenya lammiilee Ameerikaa hedduu balaaf saaxilu karoora hin barbaachifneedha jedhan.

Bara hoggansa Baaraak Oobaamaa kan eegale, Oobaamaa Keer Iniisheetiiviin lammiilee miiliyoona 20tti hiiqaniif tajaajila Inshuraansii fayyaa laata.

Manni Murtii biyyattii yaada Traamp fudhachuun hojiirra kan oolchu taanaan, namoonni miiliyoonni 20 rakkoof saaxilamuu danda’u jedhameera.

Kunis koroonaatti dabalamee biyyattiitti rakkoo fayyaa hammaataa qaqqabsiisuu akka danda’u ibsameera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.