Fana: At a Speed of Life!

Traamp dhimma Liibiyaa fi Sooriyaa irratti Erdoohaan waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 19, 2012 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gita isaanii preezdaantii Tuurk Rasip Xayib Erdoohaan waliin dhimmoota rakkoo nageenya Liibiyaa fi Sooriyaa irratti bilbilaan mari’atan.

Marii isaanitiin waldhabdee walii walinii Sooriyaa irratti giddu galummaa humna alaa muldhatan hambisuuf karaan danda’amuu irratti mari’ataniiru.

Dabalataan humnoonni morkattoota Liibiyaa waligaltee dhukaasa dhaabuu irraa akka ga’an xiyyeeffannoon irratti mari’achuu isaanii dubbi himaan Hwaayit Haawus fuula twuutara isaanii irratti barreessaniiru.

Akkasumas bulchiinsa Sooriyaan motummaa biyyattii fi humnoota morkattoota naannoo sana socho’an waldhabde akka haaraatti eegale dhaabuuf waliigaltee irra ga’aniiru jedhame.

Waldhabdichaan lammiileen Sooriyaa hedduun qe’ee isaaniirraa buqqa’uun naannichatti kan argamu daangaa Tuurkiitti baqachuun isaanii himameera.

Maddi:-Aljaziiraa fi Rooytars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.