Torbeen Ityoophiyaa paarkii Michummaatti gaggeeffamaa ture xummurame
Finfinnee, Caamsaa 17, 2013 (FBC) – Sagantaan torbee Ityoophiyaa paarkii Michummaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xummurameera.
Feestivaalli guyyoota 7f torbee Ityoophiyaa sababeeffachuun gaggeeffamaa ture hoo’aa fi kan hin dagatamne ta’uu sirna cuufiinsichaarraatti kan argaman Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsaniiru.
Qophichi Ityoophiyaan qabeenya guddaa qabaachuu kan muul’iseedha jedhan.
Qabeenya kanatti fayyadamuun barbaachisaa ta’uus Preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.
Qophicha daawwattoonni kumni 20 ol daawwachuu Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruut Kaasaw dubbataniiru.
Galiin qophicharra argame lammiilee iddoo garaagaraarraa buqqa’an deeggaruuf kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Akka EBCn gabaaseetti cufiinsa sagantichaarratti preezdaant Saahilawarq Zawdee, Dooktar Hiruut Kaasaw dabatalee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.