Torbeen Intarpirinarshiippii mata duree “ Qormaatilee Miliyoonaaf Carraawwan Miiliyoona” jedhuun gaggeeffamaa jiru itti fufeera
Finfinnee, Sadaasa 24, 2015(FBC)- Torbeen Intarpiriinarshiippii Idil Addunyaa mata duree “ Qormaatilee Miliyoonaaf Carraawwan Miiliyoona” jedhuun gaggeeffamaa ture har’as itti fufeera.
Torbeen Intarpiriinarshiippii Idil Addunyaa oolmaasaa guyyaa har’aan Paabilik Intarpiriinarshiippiifi Diijitaal Intarpirinashiippiirratti marii paanaalii gaggeessaa jira.
Torbichi dorgommii teekinooloojii, dorgommii intarpiraayizoota yeroo dhiyoo keessa hojii eegalanii, egzibiishiniifi muuxannoo waljijjiirraan, kenniinsa barnootaa Ogummaafi Teekinikaafi Yuunivarsiitiiwwanii akkasumas sagantaalee biroon kabajamaa jira.
Hojimaatilee gaarii jiran guddisuufi rakkoolee jiran furuuf paabilik intaripriinarshiippiirratti mari’achuun barbaachisaa ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Nigusuu Xilaahuun ibsaniiru.
Tattaaffii paabilik intarpirinarshiippii gara hojiitti hiikuuf taasifamu keessatti rakkoolee mudachuu malan furuu dandeessisurratti mariin taasifamaa jira.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.