Torbeen Faashinaa Afrikaa 8ffaan magaalaa Finfinneetti jalqabame
Finfinnee, Onkololeessa 25, 2015 (FBC) – Agarsiifni Faashinaa Boorsaaring Afrikaa 8ffaan magaalaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayitti jalqabame.
Agarsiisichaan oomishtoonni idil addunyaa biyyoota 30 irraa dhufan kan hirmaatan yoo ta’u oomishaaleen jirbii, gogaa fi teeknooloojii dhiyaataniiru.
Agarsiisicha kan qopheessan Ministeera Indaastirii ,Waldaa Oomishaa Huccuu Ityoophiyaafi garee Firaankfart ta’uu eerameera.
Agarsiisichi guyyoota 4’f kan turu ta’uufi muuxxannoo wal jijjiiruuf faayida olaanaa qabaachuu ibsameera.
Taarikuu Laaggasatuu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.