Torbeen aartii sadarkaa magaalaa Finfinneetti boruu ni eegala
Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC)- Festivaallii torbee aartii 12ffaan sadarkaa magaalaa Finfinneetti boruu ni eegala.
Feestivaalichi mata duree ‘aartii nageenyaa fi tokkummaa’ jedhuun gaggeeffama jedhameera.
Feestivaalicharratti Hojiiwwan aartii hedduun ni dhiyaatu.
Saganticharratti ogeeyyiin aartii, ogeeyyiin muuziqaa, ogeeyyiin fakkii kaasaan dabalatee qaamoleen ilaallatuu biroon ni hirmaatuu jedhameera.
Biiroo Aadaa fi Tuuriziimii magaalaa Finfinneetti itti aanaa damee aartii obbo Saartsefiree Sibhaat, feestivaalichaan walaloon, diraamaa fi kanneen biroo 20 ol ta’aan dameewwan aartiirratti dorgoommii ni taasisuu jedhaniiru.
Feestivaalichi guyyoota sadiif kan turu yoo ta’u, haala ittisa vaayrasii koroonaa eegeen akka gaggeeffamuu ibsameera.
Tizzitaa Dassaleenyitu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.