Torbee tokko keessatti konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fe’an 319 gara naannoo Tigraay seenuu ibsame
Finfinnee, Caamsaa 13, 2014 (FBC) –Torbee tokko keessatti konkolaattoonni deeggarsa namoomaa fi boba’aa fe’an 319 gara naannoo Tigraay seenuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Biiroon Qindeessaa deeggarsa namoomaa beeksise.
Bitooteessa 23, 2014 eegalee kankolaattoonni 571 gara naannoo Tigraay seenuu isaanii gabaasni biirichaa ifoomseera.
Guyyoota 46 keessatti midhaan nyaataa Meetirik Tooniin kumni 15 fi 500 gara naannichaa seenuu ibsameera.
Yaa ta’uutii hanqina dhiyeessii midhaan nyaataa naannichaa furuuf meetirik tooniin kumni 68 kan barbaachisu ta’uu biirichi fuula Tiwiitarii isaan ibseera.
Baatiwwan shan keessatti gama dhaabbilee deeggartootaan deeggarsi namoomaa meetirik tooniin 711.6 garas imalchiifamuu eereera.
Naannoo Amaaraa fi Tigaayiifis bifuma walfakkaatuun deeggarsichi dhiyaachaa jiraachuu himameera.
Haaluma kanaan Baatii Caamsaa keessa naannoo Amaaraatti daa’immaan umriin isaanii waggaa 5 gadi ta’an kuma 21 fi 300, haadholii ulfa kuma 14 fi 200f nyaata badhaadhaa argachuu isaanii eerameera.
Naannoo Afaaritti namoota kuma dhibba1f Bishaan bootteen dhiyaachuu himeera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.