Fana: At a Speed of Life!

Torbee tokko keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii tilmaama Birrii miiliyoona 33 ol qaban to’atame

Finfinnee, Sadaasa 29, 2013 (FBC)- Torbee tokko keessaatti meeshaaleen kontiroobaandii tilmaama  Birrii miiliyoona 33.4 qaban to’atamuu ibsame.

 Meeshaaleen kunneen Sadaasa 18 hanga 24, 2013 guyyoota jiran gidduutti iddowwan adda addaatti to’atameera.

Kanneen keessayis qabeenyaan tilmaama Birrii miiliyoona 31 kuma dhibba 2 kuma 53 fi 301 gara biyyaa seenuuf  yaali taasifameen kan to’atame yoo ta’u, gara alaatti imalchifaama kan ture meeshaaleen kontiroobaandii tilmaama Birrii miiliyoona 2 kuma dhibba 1 fi kuma 76 fi 760 to’atamu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen  sakattoo hoggantoonnii fi hojjettoonni Gumurukaa poolisii federalaa waliin taasisaniin to’atamu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.