Fana: At a Speed of Life!

Torbee lamaan darbanitti naannoo Oromiyaatti dhaabbilee daldalaa kuma 14 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 26, 2013 (FBC) – Torbee lamaan darbanitti naannoo Oromiyaatti dhaabbilee Daldalaa Kuma 82 fi 500 sakattoon irratti taasiifame keessaa kuma 14 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksiise.
 
Biiroon Daldalaa Oromiyaa hojiilee qaala’iinsa jireenyaa ittisuuf hojjetamaa jiru ilaalchisee ibsa laateera.
 
Biirichi ibsa miidiyaaleef kenneen eeruu hawaasaa bu’uura taasiisuun hojiin koreen komaandi poostii gabaa tasgabbeessuuf hundaa’e hojjette milkaa’aa jiraachuu himeera.
 
Hojii qaala’iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf akka Oromiyaatti hojjetamaa jiruurratti ibsa kan kennan hogganaan biiroo daldalaa Oromiyaa obbo Dheengee Booruu hojii torban 2 asitti akka Oromiyaatti hojjetameen dhaabbilee kuma 82 fi 500 caalan sakattaa’aman keessaa dhaabbileen kuma 14 ol saamsaamu/cufamu,namoonni 166 karaa qaxxaamuraa guddachuuf qaala’iinsa jireenyaaf sababa ta’an to’ataman keessaa namoonni 14 hidhaa baatii 6 hanga waggaa 2 adabamuu himaniiru.
 
Hojiin hordoffii fi to’annoo gabaa tasgabbeessuu cimee kan itti fufu ta’uu obbo Dheengeen eeraniiru.
 
Jala bultii ayyaanaarratti Qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf magaaloota Oromiyaa garaagaraatti Baazaarii fi Agarsiisa daldalaa qopheessuuf haal dureen xumuramuu kaasaniiru.
 
Qaala’iinsa jireenyaa hawaasatti juntaa 2ffaa ta’e hundeerraa gogsuuf eeruun hawaasni iddoo guddaa qabaachuu Hogganaa Biiroo Daldalaa Oromiyaa obbo Dheengee Booruu hubachiisaniiru.
 
Iddoosaa Abdiitu gabaase.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.