Fana: At a Speed of Life!

Torbee darbe lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii daraan dabalus, lakkoofsi namoota du’anii hir’achuu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2013 (FBC) – Torbee darbe lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii daraan dabalus, lakkoofsi namoota vaayrasichaan du’anii hir’achuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.
Torbee darbe keessa qofa addunyaarratti namoonni haaraan miiliyoonni 2 vaayrasii koroonaan qabamuu isaanii dhaabbatichi ibseera.
Tatamsa’inni vaayrasichaa torbee kana %6 dabaluu eerrameera.
Erga weerarich muul’atee isa olaanaa ta’uus Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.
Torbee kana akka addunyaatti weerarichi dabaluu kan eere dhaabbatichi, Awrooppaatti % 11, Ameerikaatti % 10 dabaluu ibseera.
Haa ta’uutii lakkoofsi namoota weerarichaan lubbuu dhabanii % 10 hir’achuu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.
Torbee darbe lakkoofsi namoota dhibichaan du’anii Ameerikaatti % 22, Afrikaatti ammoo %16 hir’achuu dhaabbatichi beeksiseera.
Kooloombiiyaa, Meeksikoo, Ikuwaadoor fi Booliiviyaattis lakkoofsi namoota du’anii haalan hir’achuu hameera.
Maddi:- al jazeera
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.