Fana: At a Speed of Life!

Torban lama keessatti haroo Dambal irraa aramaan Imboccii heektaarri 9 ol kaafamuu ibsame

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC)- Torban lama keessatti haroo Dambal irraa aramaan Imboccii heektaarri 9 ol kaafamuu ibsameera.

Haala aramaa imboccii haroo dambal weerara jiru waaraan dhabamsiisuu fi qarqara isaa misoomsuun danda’amurrattii qaamolee dhimmi ilaallatu waliin magaalaa Baatuutti waltajjiin marii gaggeeffameera.

Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan duula aramaa kanarratti torbanoota lamman darbanitti gaggeeffameen haroo Dambal heektaara 9.5 ta’urraa aramaan kun kaafamuu ibsaniiru.

Aramaa imboccii haroowwan garaagaraarratti babal’achaa dhufe dhabamsiisuuf sosochii uummataa uumuu fi qindoominaan hojjechuu akka barbaachisu ibsaniiru.

Dhaabbilee fi namoonni dhuunfaan naannoo haroo Dambalitti bobba’an haricharraa aramaa kana  dhabamsiisf Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaa harkaa kaartaa fudhataniiru.

Haroo dabaliin ala aramaan kun haroowwan Qooqaa fi Abijaataa weeraraa jiraachuu ragaan Ministeera Bishaanii fi Inarjiirraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.