Tootaal Inarjii Itiyoophiyaan giddugala Chaarjessa saffisaa Konkolaattoota Elektirikaa eebbisiise
Finfinnee, Waxabajjii 13, 2016 (FBC) – Tootaal Inarjii Itiyoophiyaan har’a giddugala Chaarjessa saffisaa Konkolaattoota Elektirikaa eebbisiiseera.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Sahirellaa Abdullaahi, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Reemii Maareechaa’uuksi, Kumalaa Hayilee Gabrasillaaseefi Daayrektarri olaanaan Tootaal Inarjii Kiristoof Faraandi saganticharratti argamaniiru.
Dhiibbaa qabeenya jijjiirama qilleensaa hir’isuuf giddugalli Chaarjessaa Konkolaattoota Elektirikaa kun faayidaa olaanaa qabaachuu Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Boba’aa fi Inarjii Sahirellaa Abdullaahiin ibsaniiru.
Giddu galichi banamuun jijjiirama Itiyoophiyaan dursa laattee hojjechaa jirtu tumsuuf ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Faransaay Reemii Maareechaa’uuksi eeraniiru.
Keessattuu faalama qabeenya qilleensaa hir’isuuf tattaaffii Itiyoophiyaan taasiisaa jirtu tumsuuf Faransaay murannoo qabaachuu kan mul’isu ta’uu kaasaniiru.
Giddugalli Chaarjessa saffisaa kun Itiyoophiyaatti kan jalqabaa ta’uu ragaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiiksiirra argame ni mul’isa.