Fana: At a Speed of Life!

Tola ooltummaa Gannaatiin manneen kumni 2 ol ni haaromfamu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Tola ooltummaa Gannaatiin manneen kumni 2 ol kan haaromfaman ta’uu Bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiise.
Tola ooltummaa Ganna baranaatiin manneen jireenya namoota dadhaboo fi harka qalleeyyuu kuma 2 ol haaromsuuf karoorfamuusaa Itti aantuun Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee ibsaniiru.
Kunneen keessaa abbootiin amantiifi abbootiin qabeenyaa magaalichaa manneen 104 haroomsuuf waadaa galaniiru himaniiru.
Aadde Adaanach guyyaa har’as manneen namoota dadhaboo 43 haroomsuuf hojii eegalsiisaniiru.
Daa’imman maatii hin qabne 100 ol guddisuuf kan karoorfame ta’uu fi aadde Adaanach dabalatee, hoggantoonni mootummaa, abbootiin qabeenyaa fi abbootiin amantii daa’imman 43 guddifachaan guddisuuf waadaa galuu ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.
Sagantichaan kutaa hawaasaa miiliyoona 1 fi kuma dhibba 1 fi kuma 50 fayyadamoo taasiisuu kan hojjetamu ta’uu himameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.