Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaan humna ijaarsa biyyaati- jiraattota Godina Goondar Kibbaa

Finfinnee, Sadaasa 27, 2014 (FBC) – Tokkummaan humna ijaarsa biyyaa ta’uu  jiraattonni Godina Goondar Kibbaa ibsan.

Waltajjiin marii hawaasa daldalaa naannoo Amaaraa Godina Gondor Kibbaa magaalaa Dabreetaabor Yuunivarsiitii Dabreetaaboritti geggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministira Ministeera Daldalaa fi Indaastirii Obbo Malaakuu Alleebal dabalatee hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Waltajjichaan  ijaarsa biyyaa keessatti kutaaleen hawaasaa garaagaraa gahee olaanaa qabaachuu ibsameera.

Haala yeroo ammaa biyyi keessa jirtu hubachuun tumsi garee shororkeessaa ABUT fashaleessuuf akka biyyaatti taasifamaa jiru gammachiisaa ta’uu Obbo Malaakuun waltajjichaan kaasaniiru.

Hawaasni daldalaa milkaa’ina galmaa’aa jiruuf shoora olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru.

Dargaggoonni gara humna Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun diina biyyarraa qolachuun birmadummaa biyyaa akka mirkaneessaniif waamicha dhiyeessaniiru.

Itti aanaan preezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa Dooktar Geetachoo Jaambaar gamasaaniin, hawaasa daldalaas tahu kutaaleen hawaasaa naannichaa birmadummaa biyyaaf yeroo hunda ga’ee irraa eegamu ba’achuu akka qaban dhaamaniiru.

Hirmaannaan kallattii hundaan taasistan iddoo tokko gahee kan dhaabbatu osoo hin taane yeroo hunda dhimma biyyaa keessa ashaaraa keewwachuu akka qaban bulchaan bulchiinsa godina Goondar Kibbaa obbo Yirgaa Sisaay ibsaniiru.

Iddoosaa Abdiitu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.