Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa sabdaneesummaa mirkaneesuun dhimma filamaata barbaadu miti- Afyaa’ii MMF

Finfinnee, Sadaasa 29, 2015 (FBC)-Tokkummaa sabdaneesummaa mirkaneesuun dhimma filamaataaf dhiyaatuu akka hintaane Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyawu Tashaagar ibsan.

Obbo Aganyawu guyyaa sbaa fi sabalammootaa 17ffaa Hawaasaatti kabajamaa jirurratti haasawaa taasisaniin, guyyichi guyyaa heerii mootummaa biyyatti itti ragga’ee fi guyyaa sabaa fi sablammootaa ta’e akka kabajamuuf murtaa’ee waggoottan 16’n darbaan sirnoota gargaraan kabajamaa turuu kaasaniiru.

Kunis kaayyoo akka guyyichi kabajamuuf murtaa’e milkeessaa jiraachuu fi ummattoota gidduutti walbeekumsaa fi walkabaji akka uumamuu taasisuu eeraniiru.

Guyyichi Ityoophiyaan mana sabaa fi sablammotaan miidhagde ta’uu kan mirkaneesse ta’uu eeraniiru.

Mootummaan waggoottan 4’n darbaanii eegalee sirni federaalawaa sirriin akka hojiirra oolu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaafis, ragaa kan ta’u haaraa kan hundeeffamate Naannoon Sidaamaa ta’uu kaasniiru.

Kana malees, Obbo Aganyawu, Ityoophiyaa keessatti rakkooleen gargaagaraa kanneen akka lammiileen buqqa’uun, ajjeechaan, walitti bu’iinsi mudachaa jiraachuun sababa sirna federaalaawaa hordofameen utuu hintaanee jibbiinsa diinota seenaatiin dhufaniidha jedhan.

Furmaanni rakkoolee kanneeniis tokkummaa cimsuu akka ta’e kaasaniiru.

Mootummaan rakkoolee mudatan furuuf hojiilee olaantummaa seeraa kabachisuu cimsee kan itti fufu ta’uu himuun, qaamoleen hundi tokkummaa ummattootaa cimsuuf gahee isaanii akka bahatan dhaamaniiru.

Tokkummaa sabdaneesummaa mirkaneesuunis dhimma filamaataaf dhiyaatu akka hintaane Obbo Aganyawu Tashaagar ibsaniiru.

Guyyaan Sabaa fi sablammootaa Ityoophiyaa 17ffaan mata duree “Tokkummaa sabdaneessummaa keenya nageenya waaraaf” jedhuun kabajamaa jira.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.