Fana: At a Speed of Life!

Tokkummaa Sabdaneessaa uumame nageenya waaraa fi ijaarsa biyyaatif itti fayyadamuu qabna-Aadde Adaanach

Finfinnee, Muddee 7, 2014 (FBC)- Weerara garee shororkeessaa ABUT qolachuuf tokkummaa Sabdaneessaa uumame nageenya waaraa fi ijaarsa biyyaatif itti fayyadamuu qabna jechuun kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeen ibsaniiru.

Aadde Adaanach mata duree ‘Imala waraanaarra gara  badhaadhinaa fi nageenyaatti’ jedhun dhimmoota biyyaaleessaarratti hoggantoota magaalichaa, dhaabbilee kuta magaalootaa, hoggantoota miidiyaa dhuunfaa fi mootummaa fi ogeeyyii aartii akkasumas hayyoota waliin mari’ataniiru.

Maricha ilaalchisee fuula Miidiyaa hawaasa isaaniin akka ibsanitti, weerara gareen shororkeessaa ABUT amma nurratti banee qolachuuf tokkummaan sabdaneessaa uumame nageenya waaraa fi ijaarsa biyyaaf itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Nageenyaa waaraa mirkaneessuuf misooma hunda galeessaa biyyoolessaa fi badhaadhinaa mirkaneessurratti kutaan hawaasa hundi, miidiyaalee fi ogeeyyii aartii itti gaafatamummaan isaanii olaanaadha jechun ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.